Politics
Shimalis Diina
By
08 August 2020
#Shimalis_Diina! Bilxiginnaan kasaara siyaasaa keesa gallaan haasa’a Shimalis Abdiisaa bubbule tokko gadi baastee, “nuyi fedhii uummataa hin gannee; dhimmoota Oromoon qabsaa’uf irratti hojjataat jirraa; mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuf Oromoon Bilxiginnaa keessatti akka aangeeffamu hojimaatan itti bobbaaneerraa; gaaffii Afaan Oromoo deebisneerraa, afaan federaalaa godhuu dhaafis wixinee labsii kaabinee federalaatti dhiyeessuf qophoofneerraa; Dhimma Finfinnees toftaa adda ta’een irratti hojjachaa jirraa; kanas kan goonuu: 1ffaa, Oromoo baay’innaan itti galchuu dhan; 2ffaa, teessoo motummaa federaalaa bakka sadiitti qooduu dhaan; 3ffaa, carraa diinagdee bakka biraatti uumuu dhaan; magaalattii guutumaa guututti irrelevant gochuu dhaan ofitti deebisnaa; nuyi warri Bilxiginnaa ijaarsa motummaa (state building) irra jirra; ijaarsa biyyaa (nation-building) irra jirraa; afaan hojii federaalaa afaan shan–Afaan Afar, Amaaraa, Oromoo, Somali, fi Tigray–goonaa;” maal maal jedha.
read more