Politics

Shimalis Diina

Shimalis Diina

#Shimalis_Diina!

Bilxiginnaan kasaara siyaasaa keesa gallaan haasa’a Shimalis Abdiisaa bubbule tokko gadi baastee, “nuyi fedhii uummataa hin gannee; dhimmoota Oromoon qabsaa’uf irratti hojjataat jirraa; mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuf Oromoon Bilxiginnaa keessatti akka aangeeffamu hojimaatan itti bobbaaneerraa; gaaffii Afaan Oromoo deebisneerraa, afaan federaalaa godhuu dhaafis wixinee labsii kaabinee federalaatti dhiyeessuf qophoofneerraa; Dhimma Finfinnees toftaa adda ta’een irratti hojjachaa jirraa; kanas kan goonuu: 1ffaa, Oromoo baay’innaan itti galchuu dhan; 2ffaa, teessoo motummaa federaalaa bakka sadiitti qooduu dhaan; 3ffaa, carraa diinagdee bakka biraatti uumuu dhaan; magaalattii guutumaa guututti irrelevant gochuu dhaan ofitti deebisnaa; nuyi warri Bilxiginnaa ijaarsa motummaa (state building) irra jirra; ijaarsa biyyaa (nation-building) irra jirraa; afaan hojii federaalaa afaan shan–Afaan Afar, Amaaraa, Oromoo, Somali, fi Tigray–goonaa;” maal maal jedha.

Kuni hundi utuu dhugaa ta’eeyyuu, motummaan Abiy fedhii ummataatin ala hojiitti hiikuudhaan raawwachisuu hin danda’u. Kana hunda seera fi heera Oromiyaa fi kan biyyattii utuu hin kabajin hojiitti jijjiiruu hin danda’an.

Ummata Oromoo irraa angoo ittin gaggeessaniin haala dimokraatawa ta’een utuu hin argatiin kana hojiitti hiikuu hin danda’an. Qabatamaan ammoo kana dhiisaati qabalee tokkoo tasgabeessanii nagaa dhan bulchuu hin dandeenye. Guyyaa guyyatti Oromoo fixaa, Oromoo akka diinatitti ofirraa haleelaa, jiru.

Garuu kuni hundi dhugaa miti. Hundi isaa soba. Miseensota isaanii amansiisuf gaaffii uummatni isaan gaafatuf deebii dhabuu dhaan warra irriiba dhaban ittin sossobuuf ta’a malee dhugaa tokko of keessaa hin qabu. Kijiba.

Akka toftaa siyaasaatis yoo ilaalle, jara kaan sobanii sossobanii biyya bulchuun furmaata hin ta’u. (Afaanota afaan federaalaa akka ta’an kan filatanis ulaagaa maal irraa ka’aaniiti? Ummatootni Naannoo Kbbaa kan akka Sidaama, Walaayittaa, Hadiyyaa, Kambaataa, Gaamoo, Silxee, Guraagee, kkf hundi isaanii lakkobsaan ummata Naannoo afaar irra guddaa dha. Garuu maaliif kan isaanii dagatame? Haqaa fi mirgoota sabaaf sablammootaa irratti maaf hin xiyyeeffatin?)

Shimalis, “siyaasni tonkolii dhaa, siyaasni qumaaraa’” jedha. Hasaan inni godhe kunis ‘tonkolii’ fi ‘qumaara akka hin taane akkamitti beekna ree? ‘Tonkoliin’ isaan dugda Oromoo irra dhaabbatanii angoo irra of tursiisuuf dalagaa jiran akka hin taane akkamitti beekna? Hasaan kunis qumaara haaraa isaan Oromoo diiguf ittin taphachaa jiran akka hin taane maalin beekkama laata?

Sobanii, sossobanii, kijiba akka tooftaa siyaasaatitti ittin faytadamanii jiraachuu isaanii silaa innuu sirritti ibsate. Ergamtuu ta’uu isaanitis, innumtuu “ergamuu kan nu caalaa beeku hin jiruu,” jedhee nuf mirkaneesse. Warra isaan ergatutu jijjirame malee har’as etgamtoota ta’uu isaanii nutti hime.

Ammas ergamtoota nafxanyaa akka ta’an hasaa fi gocha isaanii lafarratti qabtamaan arginu caalaa ragaan barbaachisu tokkollee hin jiru.

Oromoon haqa qaba. Qabsoon Oromoo qabsoo dhugaa fi haqa irratti hundaayee dha. Gaaffiin mirgaa Oromoon gaafate gaaffii itti qaanofnee, sagalee gadi qabannee haasaasan walitti dubbannuun miti.

Gaaffiin Oromoo gaaffii seeraan ala ta’e mitii. Gaaffiin ofin of bulchuu, gaaffiin hiree ofii ofiif murteeffachuu, gaaffiin walqixxummaa, gaaffiin dimokraasii, gaaffiin abbaa biyyummaa, kunneen hundi, gaaffii siyaasaa isa haqaa ta’uu bira darbanii, gaaffii seera heera motummaa keessatti fudhatama argatan, sirnaan hojiitti hikkamuuf ammo haala dimokraatawa ta’en murtoo ummataa eeggachaa jirani dha.

Mirgi Oromoo kan dhoksaa dhan–‘tonkolii’ dhan–gara siyaasa biyyattiitti ‘smuggle’ godhame fidamu miti.

Mirga sabaa seeraan ifaa ifatti mirkanaa’ee jiru kana hojitti hiikuu dhiisanii, guyyaa guyyatti ummata ajjeessaa, hidhaa, dararaa, hiraarsaa fi omisha fi mana irratti gubaa utuu oolanuu, kijiba isaanii kan akka tooftaa, akka abshaalummaatti itti fayyadamuu dhaaf ofii isaanitii ummataniin ummata Oromoo burjaajessuf yaalun salphina. Fafa.

Haasaan Shimalis kun yeroo ammaa kanatti kan gadi lakkifameef waanuma tokkofi: Mormii uummanni Oromoo itti jiru kana qabbaneessufi. Mormii uummatni ajjechaa Haacaaluu fi hidhamuu hogganootaa booda kaasee jiru kana dhaabsisufi.

Xiyyeeffannoon isaas kaka’insa ummataa gadi buusufi. Toftaa haarawa ajandaa ittiin jijjiruu dhaaf gadi ittiin bahan ta’uu isaati.

Warri finxaaleyyii siyaasa nafxanyaa olii gadi ooftu kunis haasaa Shimalis kana qabattee kan maraattu, haasaan Shimalis kun dhugaa dha jettee utuu hin ta’iin, dubbi kanaan sammuu Oromoo qabachuu dhaan uummatni Oromoo ijasaa mormii amma itti jiru irraa akka kaasu goodhufi. Kanaan, ajeechaa Hacaaluu irraanfachiisuf, hidhaa fi darara hogganootni Oromoo itti jiran dagachiisuf, lola Bilxiginnaan Oromoo irratti bante kana akka dura hin dhaabbanne yaada uumataa jalaa maqsuufi.

Lolatu nutti jira, Oromoo. Diinatu wal-waamee nutti roorrisaa jira. Abiy tu Oromoo cabsuuf karoorfatee nafxanyaa wajin dalagaa jira. Bilxiginnaatu ummata Oromoo akka sabaatitti ‘diina’ jedheeni ibsee barreeffamaan lafa kaawwatee (define godhee) nurratti bobba’ee jira.

Bilxiginnaan caasa nafxanyootaati. Bilxiginnaan diina Oromooti. Shimalisis ergamtuu diinota Oromooti.

Oromoon, kana yomiyyuu hin dagatu.

Qabsoon itti fufa.

  • Hanga_abbaa_biyyummaatti.
  • Abiy_is_the_past.