Shamarraniif!
Shamarran qofti Oromiyaa keessatti, mirga shamarraniif daa’immanii mootummaa #Bilxiginnaadhaan sarbamaa jiru hiriira nagaa guutummaa biyyattii keessatti bahuudhaan dura dhaabbachuu qabna! Waanti hubatamuu qabu, har’a mana keenya jiraannus booru mana hunda keenyaa rurukutee dhufuun isaa waan hin oolle ta’uu isaati! Oromoon shamarraniif kabaja addaa qaba, Shamarran yeroo mirgi haadhummaa irraa mulqamee daa’ima isaaniirraa darbatamanii mana hidhaatti dararaman taa’ee ilaaluun falfala! Daa’imti harma haadhaa malee hin beekne beelaan akka duutu gochuun Mootummaan duguggaa sanyii Oromoorratti gochuuf yeroo socho’u kanatti namni ani Oromoodha jedhu kamuu taa’ee ilaaluu hin qabu! Keessumattuu Shamarran, 👉Aabbaan warraa irraa ajjeefamaa, hidhamaa, qe’eedhaa arii’amaa, Ijoolleen jalaa hidhamaa qe’eedhaa arii’atamaa, Ofiifis hidhamaa ajjeefamaa, salphachaa jiraachuun nu gaha jennee Mootummaa dura dhaabbachuun dirqama filannoo hin qabnedha! Kanaafuu👉Qaamni na quuqa, na ilaallata Salphachuun Shamarran Oromoo jedhu haala kamiin waanti armaan olitti eerame akka milkaa’uu danda’u irratti nuuf hojjechuu qaba👌 Galatoomaa!! Heeraan