Abdiin Qabsoodhuma!
Ammaa achi, Oromoon wanti motummaa nafxanyaa Abiy Ahmed irraa eegu hin qabu. Sirnichi diina Oromoo ta’uu dhaan lola labseet jira. Oromoon harka motummaa irraa waatu argama jedhee abdii tokkollee hin qabu. Gaaffiin motummaan kun nuu deebisus hin jiru. Oromoonis gaaffii motummaa kanaaf dhiyeessu hin qabu.
Motummaan kun gaaffii Oromoo deebisuu hin barbaadu. Feedhiis dndeettis hin qabu. Motummaa kanaan warra hidhaman akka hiiku akeekachiisuun, ajjechaa fi hidhaan akka nurraa dhaabbatu gaafachuun, saamichi lafaa akka dhaabbatu dhaammachuun, mirga namummaa sarbuun akka dhaabbatu waywaatun, karoorri Oromiyaa diiguf karoorfame akka haqamu gaafachuun, fi kkf, yeroo ammaa kanatti faayidaa tokkollee hin qabu.
Kanaaf, Oromoon motummaa Bilxiginnaa akkuma jiruun ofirraa lolee ari’uu qaba. Abiy aangoo irraa ari’uu qaba. Hanga Abiy aangoo qabatee jirutti Oromoon lola inni itti labse irraa boqonaa argachuu hin danda’u. Caasaa Bilxiginnaas akkuma jirutti Oromiyaa keessa buqqisuu qaba. Bilxiginnaan caasa sirni nafxanyootaa Oromiyaa diiguu fi saamuu dhaaf ijaarrate dha. Kanaaf, gutumaa guututti Oromiyaa irraa buqqa’uu qabdi.
Kana hojiitti hiikun akka danda’amu, Oromoon bakka jiru hundatti fincila gaggeessuf kutannoo dhan ka’uu qaba. Galmi fincila kanaa kan xiyyeeffatu:
- Hidhamtoota siyaasaa (hggantoota siyaasaa, gaazexessitoota, ogeessitoota adda addaa, daldaltoota, Qeerroo fi Qarreewwan Oromoo, kkf) mana hidhaatti darbatamanii dararamaa jiran hiiksisuu;
- Darara Bilxiginnaan jaarmiyaalee Oromoo irratti gaggeessaa jirtu ofirraa ittisuu; eegumsa hogganoota (hanga ammaatitti hin hidhamin) fi miseensota usaanii tiksuu;
- Miidiyaa qabsoo Oromoo kan ta’ee, OMN, bansiisuu; midiyaalee ugguraman ugguricha irraa kaasisuu;
- Caasaan Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti socho’uu hundi akka cufamu, ykn uummataan akka too’atamu, godhuu dhaan miseensota isaanii ari’uu, qabatamaan yakka irratti hirmaannaa yoo qabaatanis akka hidhaman tarkaanfii fudhachuu;
- Waraanni RIB, humna addaa fi poolisii Oromiyaa kan uummata reeban fi dararan akka Oromiyaa dhiisanii bahan, ykn hojii nagaa uummataa tiksuu irratti akka bobba’an dhiibuu;
- Oromiyaa tikfachuu (securing Oromiyaa);
- Hojii Oromiyaa tasgabbeessuu fi mirga abbaa biyyummaa mirkaneeffachuu irratti bobba’uu;
….irratti.
Kana raawwachhuu dhaaf:
- Mormiin adda addaa utuu addaan hin citiin ni gaggeeffama; qoqqobbiin, lagannaan, mana cufatanii oolun, fi mormiin adda addaa sadarkaa sadarkaa dhaan raawwatamu Qeerroo dhan ni labsama;
- Motummaan qawwee dhan Oromoo jibeffachiisuf lola banee ofirraa ittissuun akka danda’amu uummata hidhachiisun ni jalqabama;
- Warra qabsoo hidhannoo irratti bobba’ee jiran gargaaruun akkaa danda’amu qophii fi tarkaanfiin barbaachisaa ta’e hundi ni fudhatama.
- Biyya alaatti, hojiin deegarsaa (solidarity rallies, advocacy, lobbying, kkf) itti fufa.
- Deeggarsi maallaqaa (warra miidhameef, warra mana hidhaa jiruuf, kkf) jabaatee itti fufa.
Sadarkaa amma itti jirruu irratti lola bilxiginnaan saba Oromoo (fi uummattota biyyatti) irratti gaggeessaa jiru kana karaa danda’ame hundaan (qawwees dabalatee jechuu dha!) ofirraa ittisuun barbaachisaa dha.
Qabsoodhumatu furmaata.
- Hanga_Abbaa_biyyummaatti!
- Bilxiginnaa_out_of_Oromiyaa!
- Abiy_is_the_past!